Fana: At a Speed of Life!

Adda maraan tokkummaa Ityoophiyaa eeguu fi eegsisuun adeemuun dhaggeeffatamummaa mirkaneessa- Obbo Dammaqaa Makonnin

Finfinnee, Gurraandhala 4, 2014 (FBC)- Dhiibbaawwan alaa Ityoophiyaarra ga’an tokkummaan qolachuurra darbee sadarkaa biyyaalessaatti tattaaffiin nageenya fi guddina waaraa fiduuf eegalame gamtaan deeggaramuu akka qabu Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin ibsan.

Obbo Dammaqaan hoggantootaa fi miseensota humnoota waloo kaaba Ameerikaatti sosochii ni ga’aa qindeessuun socho’aa turan waajjira isaaniitti simachuun haasofsiisaniiru.

Mariisaaniin humnoonni alaa humnoota badii keessaa waliin gamtaa uumuun Ityoophiyaa diiguuf adda garaagaraan badii guddaa raawwachuunii fi dhiibbaa cimaa uummuun birmadummaa biyyaa qoraa turuu obbo Dammaqaan kaasaniiru.

Keessumaa tarkaanfiiwwan haqa maleessi humnoota alaatiin fudhataman birmadummaa Ityoophiyaa haalaan qoruu ibsuun ergamni dhiibbaawwan alaa qolachuu adda mataasaa danda’e ta’uu eeraniiru.

Dhiibbaa kana qolachuuf Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa biyyoota garaagaraa jiraatan gama sosochii ni ga’aan biyyasaaniif dirree addunyaarratti sagalee ta’aafii turuu kaasaniiru.

Hoggantoota Kaaba Ameerikaatti sosochii ni ga’aa qindeessuu fi hogganuun ga’ee isaanii ba’achaa turan galateeffataniiru.

Adda maraan tokkummaa Ityoophiyaa eeguu fi eegsisuun adeemuun dhageeffatamummaa mirkaneessuurra darbee injifannoowwan hiikkoo qaban galmeessisuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Sadarkaa biyyaalessaatti mootummaan nageenyaa fi guddina waaraa mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan abdii namatti horan hojiitti hiikuuf sochii eegaluu eeraniiru.

Dhiibbaawwan alaa Ityoophiyaarra ga’an tokkummaan qolachuun cinaatti sadarkaa biyyaalessaatti tattaaffii nageenyaa fi guddina waaraa fmirkaneessuuf eegalame gamtaan deeggaruun barbaachisaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.