Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisa Biyyaa nu kunuunsee tajaajila wal’aansa fayyaaf nu ga’eera – Miidhamtoota

Finfinnee, Guraandhala 3, 2014 (FBC)- Raayyaan Ittisa Biyyaa nu kunuunsee tajaajila wal’aansa fayyaaf nu ga’eera du’arraas nu baraareera jedhan dubartoonni godina Walloo garee shororkeessaa ABUTiin miidhaan irra ga’e.

Gareen shororkeessaa ABUT gocha suukkanneessaa dubbachuuf mitii yaaduuf ulfaataa ta’e irraan ga’uu dubartoonni garichaan miidhamanii hospitaala Ispeeshaalaayizdii Xoorhaayloochitti yaala fayyaa hordofaa jiran ibsaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa naannicha erga to’ateen booda gara wal’aansa fayyaaf gara hospitaalichaa isaan fiduu miidhamtoonni kunneen eeraniiru.

Dargaggeettii waggaa 27 kan taate Warqee     Wadaajeen miseensonni garechaa sadaasa 29, 2014 galgala keessaa naannoo sa’aatii 2:00 balbala mana ishee cabsanii seenuun abbaa manaa fi ijoollee ishee fuulduratti ishee gudeeduuf wal’aansoo ittiin qabuu fi gaafa diddu miilla ishee mirgaa rasaasaan rukuchuu ibsiteetti.

Abbaan manaa ishee bakka funyoon  hidhamee jirutti ishee fi ijoollee ijoolleeshee fuulduratti ajjeesanii deemuu himteetti.

Aadde Zawdituu Mangashaan gamasaaniin miseensonni garee shororkeessichaa wayita naannicha weeraree turetti gara mana isaanii dhufuun humnaan buddeena qoonqoo ijoollee isaaniirraa butee nyaachaa turuu fi halka guyyaa tokkoo dhukaasa banuun harkasaaniirra miidhaa cimaa qaqqabsiisuu eeraniiru.

Dargaggoon Haadiigaaz Raahimat gamasheen miseensonni garechaa gara mana isaanii erga dhufaniin booda manaa gadi nu baasanii warra ajjeesan ajjeesanii warreen madeesan achumatti nu dhiisanii deeman jechuun gocha gara jabinaa garechi maatisheerraan ga’e ibsiteetti.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.