Fana: At a Speed of Life!

Hindiin daldalaan, Invastimantii fi muuxannoo qooduun michuu amanamtuu Ityoophiyaati- Ambaasaaddar Tizzitaa Mulugeetaa

Finfinnee, Guraandhala 3, 2014 (FBC)- Hindiin daldalaan, Invastimantii fi muuxannoo qooduun michuu amanamtuu Ityoophiyaa ta’uu Hindiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tizzitaa Mulugeetaa ibsan.

Hindiitti imbaasiin Ityoophiyaa Federeeshinii Manneen Maree Daldalaa fi Indaastirii biyyattii waliin ta’uun mata duree “ Ityoophiyaan Xomboora Badhaadhina Afrikaa 2030” jedhuun gama viidiyoo koonfiransiin marii gaggeesseera.

Kaayyoon marichaa hariiroo daldalaa fi invastimantii biyyoota lamenii cimsuuf akka ta’e ibsameera.

Ityoophiyaan Afrikaarraa fedhii bakka indaastirii oomishaa ta’uuf qabdurraa kan ka’e abbootii qabeenyaa biyyattiitti hojiitti bobba’uu barbaadaniif adeemsawwan jiran si’ataa taasisuunii fi jajjabeessituuwwan dhiyeessuun haala mijataa uumuu kan itti fufutu ta’uu Ambaasaaddar Tizzitaan ibsaniiru.

Ityoophiyaan damichaan fooyya’iinsa diinagdee fi seeraa taasisuu ibsuun, abbootiin qabeenyaa Hindii Ityoophiyaa keessa qabeenyi uumamaa fi namaa itti hin bu’amne jiraachuu hubatanii damicharratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.