Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Magaalaa Finfinnee yaa’ii idilee isaa guyyaa boruu kan gaggeessu ta’uu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2014 (FBC) – Manni Maree magaalaa Finfinnee yaa’ii idilee 1ffaa bara hojii 3ffaa guyyaa boruu kan gaggeessu ta’uu ibsame.

Daayreektarri Preesii fi sabquunnamtii mana marichaa obbo Addisalam Inchaalawu ibsa laataniin manni marichaa raawwii karooraa bulchiinsa magaalichaa baatiiwwan 6 darbanii kan gamaggamu ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis raawwii Mana Murtii magaalichaa baatiiwwan 6 darbanii, qabiyyee lafaa fi Wixinee danbii yaa’ii dhaggeeffattoota dhimmoota komee beenyaa irratti mari’atee kan raggaasisuu ta’uu kaasaniiru.

Kana malees manni marichaa muudama garaagaraa kan raggaasisu ta’uu himaniiru.

Labsiin foyyessa Caasaa Waajjira Mana Maree dhiyaatee mariin irratti kan taasifamu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.