Fana: At a Speed of Life!

Faransaay Maalii dabalatee biyyoota Lixa Afrikaa qoqqooduuf yaalaa jirti- MM Maalii

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2014 (FBC) – Faransaay Maalii dabalatee biyyoota Lixa Afrikaa qoqqooduuf yaalaa jiraachuu Muummeen Ministiraa  Maalii Chuuguu’eel Maayigaan ibsan.

Muummeen Ministirichaa Faransaay loltootashaa ergama addaaf bobba’anitti gargaaramuun biyyoota lixa Afrikaa qoqqooduuf yaalaa jirti jechuun komataniiru.

Muummeen Ministiraa Maalii Chuuguu’eel Maayigaan ibsa dippiloomaatotaaf laataniin, waraana hidhattoota waliin gaggeffameen loltoota Faransaay lubbuun isaanii darbeef kabaja guddaa kan qaban ta’uu kaasaniiru.

Faransaay ergama Maalii deggaruu jedhuun garee shororkeessaa deeggaraa jiraachuu Chuuguu’eel Maayigaan ibsaniiru.

Faransaay Maalii deeggaraa kan jirtu osoo hin taane biyyattii bakka lamatti qooduuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Gareewwan shororkeessitootaa dadhabanii jiran irra deebiin akka gurmaa’anii fi humna godhataniif waggoota lamaaf Faransaay deeggarsa taasisaa turte jechuun komataniiru.

Bara 2013 A.L. Atti wayita Faransaay dhimma keessoo Maalii keessa seenuu eegaltetti waraanni Faransaay gareewwan shororkeessitootaa leenjisuunii fi garee adda bilisa baasaa Tuuwaareeg deeggara jechuun himata dhiyeessanii turuu Muummeen Ministiraa Maalii Chuuguu’eel Maayigaan yaadachiisaniiru.

Haa ta’u malee Imbaasiin Faransaay Maalii Baamaakootti argamus ta’e mootummaan Faransaay dhimmicharratti deebii kan hin laanne ta’uu himaniiru.

Duulli waraana Farnsaay Sarvaal jedhamuun beekamu kaaba Maalii hidhattoota  Finxaaleeyyiirraa debisuuf deggarsa taasisaa turuu Afrikaan Niwus gabaasa isaan yaadachiiseera.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.