Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni miiliyoonni 10 talaallii vaayrasii koroonaa fudhachuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2014 (FBC) – Ityoophiyaatti namoonni miiliyoonni 10 talaallii vaayrasii koroonaa fudhachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Duula talaallii vaayrasii koroonaa itti aanutti lammiilee miiliyoonni 20 talaallii akka argataniif tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Ministeera Fayyaatti qindeessaa olaanaan koree Vaayrasii Koroonaa Dooktar Mabraatuu Maaseeboon ibsaniiru.

Talaalliin Faayizar namoota umurii 12 oliif kennamaa ture duula kanaan barattoota sadrkaa 2ffaa fi yuunvarsiitii jiraniif kan oolu ta’uu kaasaniiru.

Talaalliin vaayrasichaa Siinoofaarm fi Joonsan baayyinaan gara biyyaa galuu ibsaniiru.

Hawaasni sababa hojiitiin talaallicha osoo hin fudhatiin akka hin hafneef bakka qonnaa, manneen barnootaa, gabaa fi bakkeewwan garaagaraatti talaallicha akka argataniif duulli kan taasifamu ta’uu eeraniiru.

Yeroo dhiyoon dura utaalloo tibbanaa jedhamuun weerarri 4ffaan vaayrasichaa ka’ee turuu yaadachiisaniiru.

Weerara vaayrasii koroonaa 2ffaan talaalliin kennamuu eegaluun dura namoonni hedduun hospitaala seenaa turuu fi guyyaatti nomoonni du’an 50 ga’ee turuu yaadachiisuun weerara 4ffaan namoonni vaayrasichaan qabaman dachaan dabaluu fi guyyaatti baayyinni namoota du’anii 20 kan hin caalle ta’uu ibsaniiru.

Talaalliin kennamaa ture hanga du’aatii hir’isuu kaasaniiru.

Ammas weerarri vaayrasii kanaa kan hin dhaabbanne ta’uu fi baatiiwwan Eebilaa fi caamsaatti weerarri 5ffaan ni ka’a yaaddoon jedhu jiraachuu ibsaniiru.

Maddi:- DhPI

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.