Fana: At a Speed of Life!

Faransaayiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Heenook Tafarraa Seenaataroota biyyattiif haala waqtaawaa biyyarratti ibsa taasisan

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2014 (FBC)- Faransaayiitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Heenook Tafarraa Seenaataroota biyyattii fi miseensoota koree dhaabbii hariiroo alaaf haala waqtaawaa Ityoophiyaarratti ibsa taasisaaniiru.

Ambaasaaddarichi ibsa isaaniin, mootummaan Ityoophiyaa komishinii marii biyyoolessaa hundeessuu fi namoota siyaasa hidhaarra hiikuun nageenya buusuuf murannoo hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Gareen shororkeessa ABUT bifa haaraan naannoo Affaarii fi Amaaraatti haleella qaqqabsiisaa jirun tattaaffi nageenyaa fi deeggarsa namoomaa dhiyeessuutti gufuu ta’aa jiraachuus kaasaniiru.

Ambaasaaddarichi Faransaay Ityoophiyaa deebisanii dhaabuuf tattaaffii taasifamuu  fi komishinii marii biyyoolessaa hundeessuuf karoorfame deeggaruuf qophiin agarsiisaa jirtuuf galateeffachuusaanii ragaan Imbaasii Ityoophiyaa Paariisitti argamurra argame ni muuldhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.