Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Oromiyaa Wiirtuu Leenjii fi Konveenshinii Magaalaa Galaanitti ijaarsisuuf hojii Dizaayinii xumuruu beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2014 (FBC)- Baankiin Oromiyaa Wiirtuu Leenjii fi Konveenshinii sadarkaasaa eeggate Lafa Hektaara 15 irratti Magaalaa Galaanitti ijaarsisuuf hojii Dizaayinii xumuruu beeksiseera.

Baankichi Wiirtuu leenjii ijaarsisuuf jedhu irratti Dizaayinii qopheessise bakka qooda fudhattoonni garagaraa jiranitti ifa gochuufi.

Mo’attoota Dizaayinii Wiirtuu Leenjii fi Konveenshinii qopheessaniifis sagantaa badhaasaa fi beekamtii qopheessera.

Sagantaa kanarraatti haasaa baniinsaa kan taasisan Hoji gaggeessaa olaanaan Baankii Oromiyaa Obbo Tafarii Makkonnin, Baankichi humna namaa gahumsa qabu horachuuf Giddu gala leenjii sadarkaasaa eeggate Magaalaa Galaanitti lafa hektaara 15 irratti ijaarsisuuf qophii xumuruu himan.

Giddugalichi kaayyoo gurguddaa lama of keessaa qaba kan jedhan obbo Tafariin dandeettii hojjettootaa cimsuu fi Giddu gala Konveenshinii hundeessuuf ta’uu dubbatan.

Giddu galichi leenjii kennuun cinaatti Giddu gala Ispoortii,daldalaa,Yaala Fayyaa fi bakka boqonnaa akka of keessaa qabu eerameera.

Giddu galichi dhaabbilee Faayinaansii gara garaaf Tajaajila kan kennuu fi Sadarkaa Afriikaatti dorgomaa ta’uus dubbatan.

Akka OBN gabaaseetti Bulchiinsi Magaalaa Galaan lafa ijaarsa Giddu galichaaf ta’u hektaara 15 kennuufiisaa eeruun deggersa Magaalichi taasiseefis galateeffataniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.