Magaalaa Limmuu Gannatitti balaan ibiddaa qaqqabe to’atame
Finfinnee, Gurraandhala 1, 2014 (FBC)- Godina Jimmaa Magaalaa Limmuu Gannatitti balaan abiddaa qaqqabe to’atamuu poolisiin ibseera.
Balaan abidda tasaa kun guyyaa har’aa naannoo sa’atii 7:30 qaqqabuu ibsameera.
Balaa kanaan nama tokko irra miidhaan cimaan qaqqabuun yaalarra kan jiruu fi manneen namoota dhuunfaatis gubachuu isaa Ajajaan Waajjira Poolisii Magaalichaa Komaandar Mangistuu Takiluu ibsaniiru.
Sababoota ka’umsa balaa kanaa fi tilmaama miidhaawwan qaqqabanii adda baasuuf poolisiin qorannoo gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Komandar Taarikuun balaa akka tasaa qaqqabe kana to’achuuf hirmaannaa hawaasni magaalichaa taasiseef galateeffachuu ragaan Kominikeeshinii godina Jimmaarra argame ni muul’dhisa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.