Fana: At a Speed of Life!

Hongee Gaanfa Afrikaa muudateef deeggarsi namoomaa Doolaarri miiliyoonni 327 kan barbaachisu ta’uu DhMG ibse

Finfinnee, Gurraandhala 1, 2014 (FBC) – Hongee Gaanfa Afrikaa muudateef deeggarsi namoomaa Doolaarri miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 27 kan barbaachisu ta’uu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksiiseera.
Hongee Gaanfa Afrikaatti hammaachaa jiru hordofee baatiwwan jahaan itti aananiif deeggarsi namoomaa Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 27 kan barbaachisu ta’uu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ibseera.
Keeniyaa, Somaaliyaa fi Ityoophiyaatti sababa hongee kanaan namoonni miiliyoonni 13 deeggarsa namoomaa ariifachiisaa kan barbaadan ta’uu Sagantaan Nyaataa Addunyaa ibseera.
Hongeen kun oomisha barbadeessuu fi beelladoota hedduu du’aatiif saaxiluu, akkasumas qonnaan bultoonni qa’ee fi qabeenya isaaniirraa akka buqqa’aniif sababa ta’uu himameera.
Hongeen bara Faranjootaa 2011 Somaaliyaatti muudachuun lubbuu namoota kuma dhibba 2 fi kuma 50 galaafate irra deebiin osoo hin muudatiin saffisaan tarkaanfii fudhachuun barbaachisaa ta’uu TRTn gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.