Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen waraanaa seeraan alaa garee shororkeessaa Shaneef ergamuuf turan to’ataman

Finfinnee, Amajjii 30, 2014 (FBC) – Meeshaaleen waraanaa seeraan alaa garee shororkeessaa Shaneef ergamuuf turan to’atamuu ibsame.

Namni dhuunfaa Godina Addaa Naannawaa Finfinnee magaalaa Sandaafaarraa konkolaataa Doolfiinii keessa dawoo tolchuun rasaasa kuma 4 fi 994 dhoksaan garee Shororkeessaa Shaneef geesuuf osoo jedhuu to’annaa jala ooluu ibsame.

Meshaaleen kunneen garee shanee godina Shawaa Lixaa keessa socho’aniif geeffamuuf kan karoorfame ta’uu ibsameera.

Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa odeeffannoo argame ka’umsa godhachuun komishinii Poolisii Oromiyaa waliin hordoffii taasisaniin Magaalaa Finfinnee Kutaa magaalaa Araadaa naannoo bataskaana Araadaatti shakkamaa waliin to’atamuu eerameera.

Bifuma walfakkaatuun boombiiwwan RGD 2 fi bilbiloonni saatalaayitii 2 siim  kaardii waliin Keeniyaarraa garechaaf ergaman to’atamuu ibsameera.

Namoota gochichaan shakkaman 2 harkatti Birrii kumni 4 fi 990 fi dabtaroonni baankiiwwan garaagaraa argamuu eerameera.

Hordoffii shakamtoota meeshaalee waraanaa seeraan ala daddabarsan irratti taasifameen qindoomina poolisii Oromiyaan magaalaa Buraayyuutti to’atamuu ibsameera.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.