Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee murtoo garaagaraa dabarse

Finfinnee, Amajjii 30, 2014 (FBC) – Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee Murtoo garaagaraa dabarsuu Biiroon Kominikeeshinii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii magaalichaa obbo Yoonaas Zawdeen gaaffiin ijaarsa giddugala aadaa Chaayinaaf dhiyaate raggaasisamuu ibsuun ijaarsasaaf lafti kaareemeetirri kumni 6 akka kennamu murtaa’uu eeraniiru.

Kunis hariiroo aadaa, siyaasaa fi dippiloomaasii biyyoota lameenii kan cimsu ta’uu dubbataniiru.

Dabalataaniis deeggarsa maallaqa mootummaa chaayinaan kan ijaaramu gaaffiin ijaarsa giddugala qorannoo ‘Qarkahaa Afrikaa’ deebi’uu kaasaniiru.

Kaabineen magaalichaa waliigaltee liizii biyyoota Afrikaa 13 haquus obbo Yoonaas ibsaniiru.

Gama biraan yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaan nagaan akka xumuramuuf uummata magaalichaa ga’ee olaanaa ba’ateef galateeffachuu ibsaniiru.

Haymaanot Iyyaasuutu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.