Fana: At a Speed of Life!

Ammayyummaan duudhaalee aadaa ka’umsa hin godhanne kophaa isaa biyyaa fi dhaloota ijaaruu hin danda’u–BMNO

Finfinnee, Amajjii 30, 2014  (FBC)- Ammayyummaan duudhaalee aadaa ka’umsa hin godhanne kophaa isaa biyyaa fi dhaloota ijaaruu hin danda’u jechuun Bulchiinsi Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibseera.

Guutuun ibsichaa akka argamaan gadiitti dhiyaateera.

Duudhaaleen aadaa Horataalee murteessoo biyyaa fi dhaloota ittiin ijaarrudha. Ammayyummaan duudhaalee aadaa ka’umsa hin godhane kophaa isaa biyyaa fi dhaloota ijaaruu hin danda’u

Duudhaaleen aadaa qajeeltoowwan seeraa fi sirna ammayyaa osoo hin faalleessiin hariiroo hawaasummaa keessatti wal-hubannaan akka dagaagu, aadaan demokraasii akka gabbatu, waliif amanamuu fi aboomamuun akka jiraatu, aadaan hojii fi hojimaanni dinagdee akka fooyya’u taasisuu keessatti humna guddaa qaba.

Sirni Gadaa Oromoo yaad-qalbiin ummata Oromoo ittiin sonaa’e kanaaf fakkeenya guddaa dha. Ummanni Oromoo demokraasii bara ammayyummaa keessatti kan barate osoo hin taane, sirna Gadaa irraa dhaale. Gaachana waliif ta’ee sirna ofii tikfachuu, yeroo rakkinaa fi bal’inaa, gaddaa fi gammachuun wal-bira dhaabachuu, wal-hirphee rakkoo keessaa wal-baasuun, miira namoomaatiin kabaja dhala namaa eeguu fi eegsisuun, bitaa mirga dubbi ilaalee araaraan fala wal-dhabdee kaa’uun Oromoodhaaf eenyummaa isaati.

Duudhaalee fi jaarmiyaaleen ummanni Oromoo sirna Gadaa irraa dhaale, horataalee ijoo biyyaa fi dhaloota ittiin ijaaruu mallu ta’anillee, ammayyummaa waliin wal-simsiifne itti fayyadamuu irratti hanqinni turee jira. Kana gochuu dhiisuu keenyaan, waan guddaa kan dhabne ta’ullee, yeroo dhihoo asitti Mootummaan Naannoo Oromiyaa horataalee duudhaa Sirna Gadaa hojimaata ammayyaa’aa waliin wal-simsiisuun faayidaa ummata Oromootiif akka oolan taasisuuf xiyyeeffannaa ol’aanaadhaan hojjetaa jira. Haaluma kanaan, Jaarmiyaan haqaa Sirna Gadaa keessa ture, beekamtii seeraa argatee qajeeltoowwan seeraatiin wal-cinaa faayidaa ummata Oromootiif hojiirra akka oolu, labsii lakk 10/2014n Manni Murtii Aadaa akka hundeeffamu taasisuun isaa akka fakkeenya guddaatti fudhachuun ni danda’ama.

Maanneen Murtii Aadaa Oromoo beekamtii seeraatiin deeggaramanii hojiirra akka oolana ta’uun isaa, ummata Oromoo tajaajila haqaa ammayyaa dhabee bo’uuf hiika guddaa qaba. Duudhaa haqummaa fi dhugaaf jiraachuu Sirna Gadaatiin hojiirra waan ooluuf, ragaa sobaa fi matta’aa gara garaatiin dhugaan jal’atee dharri moo’uuf carraa hin argatu. Ummanni Oromoo yeroo seerri ammayyaa hin turetti dubbii bitaa fi mirga ilaalee nagaa fi tasgabbii waloof murtoo haqaa kennaa akkuma ture, har’as,mana murtii aadaa kanatti dhimma bahuun nagaa fi tasgabbiin bu’ee fayyummaan hariiroo hawaasummaa waan mirkanaa’uuf, yeroo isaa hunda misoomaaf oolfachuuf carraa argata.

Horataalee duudhaa aadaa ammayyummaaf bu’uura ta’e kana sirnaan fayyadamuu yoo dandeenye fayyummaa hariiroo hawaasaa mirkaneessuu qofa osoo hin taane, dhalootaaf hambaa kaa’uu dandeenya. Kun ammoo fedhii fi kaka’umsa mootummaatiin qofa waan raawwatu miti. Ummanni Oromoo carraa argate kana bal’isee itti fayyadamuu qaba. Hojiirra oolmaa isaatiif dhiibbaa uumuu keessatti shoora irraa eegamu bahachuutu irra jiraata.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Oromiyaan dirree haqaa fi dhugaan itti mirkanaa’e akka taatuuf, gandoota Oromiyaa hunda keessatti Manneen murtii Aadaa akka hundeeffaman taasisuun isaa, sirna duudhaa Oromoon sonaa’e ijaaraa akka jirru mirkaneessa.

Sirnaa fi duudhaa ofii abbaatu eeggata waan ta’eef, si’oomina fi hojiirra oolmaa Manneen Murtii Aadaa kana mirkaneessuu keessatti sadarkaa hundatti sosochiin uumamuu akka qabu Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha dabarsa.

Oromiyaa ni Ijaarra!

Itoophiyaa ni Utubna!

Gaanfa Afrikaa ni Tasgabbeessina!

Waaqnis nu Gargaara!

Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Amajjii, 30/2014

Finfinnee

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.