Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaan milkaa’inaan xumuramee hirmaattonni nagaan gara biyyasaaniitti deebi’aniiru- TKM

Finfinnee, Amajjii 30, 2014 (FBC) – Yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaan milkaa’inaan xumuramee hirmaattonni yaa’ichaa nagaan gara biyyasaaniitti deebi’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Yaa’ichaan ajandaalee ijoo Gamtichaan kaa’aman irratti murtoowwan kennuu ibsameera.

Afrikaan waltajjiiwwan addunyaarratti bakka isheef malu akka argattu taasisuuf biyyoonni hundi kutannoon hojjechuu akka qaban waliigaluu ibsameera.

Ya’ichaan cinaatti Muummee Ministiraa Abiy Ahimad fi Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonnin hoggantoota biyyoota garaagaraa waliin mariiwwan gam-lamee taasisuu ibsameera.

Mariiwwan taasifamanis hariiroo Ityoophiyaan gama dameewwan garaagaraan biyyoota garaagaraa waliin qabdu guddisuu dandeessisan irratti ta’uu eerameera.

Ityoophiyaan yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaa haala ho’aa ta’een qopheessitee keessummoota nagaan gara biyya isaaniitti gaggeessuu ibsameera.

Ya’ichi Finfinneetti akka hin taasifamneef dhiibbaa taasifamaa ture hunda dandamachuun yaa’icha haala kanaan duraarraa adda ta’een rakkoo tokko malee keessumeessuu danda’uun ishee Ityoophiyaa fi Ityoophiyaanota hundaaf injifannoo dippiloomaasii guddaa ta’uu eerameera.

Yaa’ichi akka qaamoleen gaarummaa Ityoophiyaa hin barbaanne jedhan osoo hin taane karaa nagaa fi taateewwan ardii fi idil addunyaa haala milkaa’aan keessummeessuu akka dandessuu kan itti agarsiiste ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.