Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Afrikaa yaa’ii hoggantootaa Gamtaa 35ffaarratti hirmaachaa turan gaggeeffaman

Finfinnee, Amajjii 30, 2014 (FBC) – Hoggantoonni Afrikaa yaa’ii hoggantootaa Gamtaa 35ffaarratti hirmaachaa turan gaggeeffamaniiru.
Preezdaantiin Soomaliyaa Mahaammad Abdullaahii Foormaajoo, kan Naayijeeriyaa Mahaammaduu,Buhaarii,kan Rippaablika Araba Saahiraawwii Biraahiimii Gaalii, kan Burrundii Ivaarsitii Nidiiyaashimiiy, kan Zimbaabuwee Eemarsan Minaangaagiwaa fi kan Maalaawwii Laazaaruun Chaakweeraan gara biyya isaanii deebi’aniiru.
Preezdaantoota kanneeniif hoggantoonni mootummaa olaanoo garaagaraa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun gaggeessaa taasiisuufii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.