Fana: At a Speed of Life!

Humnoonni Siyaasaa Sudaan IGAD akka mariisiisu fedhii agarsiisuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 29, 2014 (FBC) – Humnoonni Siyaasaa Sudaan Dhaabbanni Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa akka mariisiisu fedhii agarsiisuu barreessaa olaanaan dhaabbatichaa Dooktar Warqinaah Gabayyoo ibsaniiru.

Dooktar Warqinaah Gabayyoon Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaa gaggeeffamaa jiru cinaatti tattaaffii rakkoo siyaasaa Sudaan furuuf taasiifamaa jiru ilaalchisee ibsa laataniiru.

Dhaabbanni Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa rakkoo siyaasaa Sudaan furuuf tattaaffii taasiisaa turuu eerun, tibba darbe Ugaandaa Kaampaalaatti Preezdaant Yuuweerii Meesiiveenii waliin mariin taasiifamuu dubbataniiru.

Maricha horfofee Dhaabbanni Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa gara Sudaan Kaartumitti imaluun Humnoota Siyaasaa biyyattii dhimmichi ilaallatu waliin marii gaggeessuun haala jiru beekuuf tattaaffii taasiisuu kaasaniiru.

Haaluma kanaan Humnoonni Siyaasaa Sudaan Dhaabbanni Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa akka mariisiisu fedhii agarsiisuu Dooktar Warqinaah Gabayyoon eeraniiru.

Hoggantoota biyyoota miseensa dhaabbatichaa waliin dhugaa jiru hubachuuf mariiwwan gaggeeffame ilaalchisee gabaasa qophaa’eerratti mariin taasiifamuu dubbataniiru.

Hoggantoonni kunneen Keeniyaa Naayiroobiitti argamuun marii fi murtoo xumuraa laachuuf waliigalteerra ga’uu isaanii addeessaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.