Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Abukaatotaa Naannoo Oromiyaa godinaalee hongeen miidhamaniif deeggersa taasise

Finfinnee, Amajjii 29, 2014 (FBC) – Waldaan Abbukaatotaa Naannoo Oromiyaa, horsiise bultoota godinaalee Oromiyaa hongeen miidhamaniif deeggersa Birrii miiliyoona 2 fi Kuma dhibba 1 ol deeggarsa taasise.

Deeggarsa kanas, bakka Hoggantuun Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa adde Addunyaa Ahimad, Preezdaantiin Waldaa Abukaatota Naannoo Oromiyaaa Dooktar Dajanee Girmaa fi miseensonni waldichaa naannichaa fi Magaalaa Adaamaa bakka argamanitti wal harkaa fuudhiinsi taasifameera.

Rakkoo muudate irraa hawaasa baraaruuf deeggarsi kun taasiifamuu ibsameera.

Deeggarsi kun gara fuulduraas kan itti fufa ta’uu Preezdaantiin Waldaa Abukaatotaa Naannoo Oromiyaaa Dooktar Dajanee Girmaa eeraniiru.

Hoggantuun Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Aadde Addunyaa Ahimad, ummataaf haqa kennuun cinatti wayita rakkoo hawaas-diinagdeef saaxilamus deeggaruun ga’ee nurraa eegamuudha jedhan.

Abuukaatonni Naannoo Oromiyaa kenniin haqaa qulqulluu fi sa’ataa hawaasaaf kennuu keessatti ga’ee isaanii ba’uuf ciminaan hojjechuu akka qabanis Aadde Addunyaan hubachiisaniiru

Gama biraanis Waldaan Abuukaatotaa Magaalaa Adaamaa deeggarsa hawaasa horsiise bulaa Naannoo Oromiyaaf taasisaniin cinatti, Raayyaa Ittisa Biyyaaf Birrii Kuma dhibba 3 fii kuma 65 deeggarsa taasiisuu OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.