Fana: At a Speed of Life!

Sochii karaa seeraan alaa aangoo qabachuuf Afrikaa keessatti taasifamu fudhatama hin qabu – Gamtaa Afrikaa

Finfinnee, Amajjii 29, 2014 (FBC) – Sochii karaa seeraan alaan aangoo qabachuuf Afrikaa keessatti taasifamu fudhatama kan hin qabne ta’uu Gamtaan Afrikaa ibse.

Dhimmi nagaa fi tasgabbii Afrikaa kan qaama hundaa ta’uu Gamtaa Afrikaatti komishinarri dhimmoota siyaasaa, nagaa fi tasgabbii Ambaasaaddar Baankoolee Adooyyeen ibsaniiru.

Fonqolchi mootummaa biyyoota Afrikaa keessatti muul’achaa jiruu nagaa fi tasgabbii Ardichaaf yaaddoo ta’uu himaniiru.

Dhimma nagaa fi tasgabbii Ardichaarraatti ibsa kan laatan komishinarichi Shororkeessummaa fi mankaraareessummaan amantaa babal’achuun yaaddoo nageenyaa Ardii afrikaa ta’uu kaasaniiru.

Deemsi kun Karoora Afrikaa sagaleen dhukaasaa itti hin dhaga’amnee uumuuf qabamee kan gufachiisuu ta’uu eeraniiru.

Gamtaan Afrikaa gochicha balaaleeffachuurra darbee rakicha furuuf hojjechaa jira jedhan.

Rakkoon nageenyaa Ityoophiyaa akka furamuuf Gamtaan Afrikaa mootummaa Ityoophiyaa waliin hojjechaa turuus Komishinarichi ibsaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa deeggarsi namoomaa naannoo waraanni jiruutti akka qaqqabuuf sochiin taasise kan jajjabeeffamu ta’u eeraniiru.

Mariin biyyaaleessaa hunda hirmaachise akka gaggeeffamuuf tattaaffii Ityoophiyaan taasisaa jirtu Gamtichi ni deeggara jedhan.

Walii galaan Rakkoon nageenyaa Afrikaa giddu seentummaa qaamolee alaa ta’uu isaatiin Afrikaanoonni qaamoleen alaa rakkoo nageenyaa uuman Afrikaa lakkisuun akka ba’an taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Yaa’ii Dureewwan Afrikaa 35ffaa irraatis murteewwan sodaa nageenyaa fi misooma Afrikaa furan ni darbun kan eegamu ta’uu komishinarri dhimmoota siyaasaa, nagaa fi tasgabbii Gamtaa Afrikaa Ambaasaaddar Baankoolee Adooyyeen ibsa isaaniitin himaniiru.

Yidnaqaachoo H/Maariyaamtu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.