Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo damee Turizimiin akka ardichaatti muudate furuuf Afrikaanoonni tokkummaan dhaabbachuu qabna – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 28, 2014 (FBC) – Weerara vaayrasii koroonaa hordofee Rakkoo damee Turizimiin Ardii Afrikaa muudate furuuf Afrikaanoonni tokkummaan dhaabbachuu fi waldeeggaruutu barbaachisa jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Yaa’ii hoggantoota gamtaa Afrikaa sababeeffachuun hirmaattoota sagantichaaf affeerran Irbaataa Paarkii Michummaatti gaggeeffameera.

Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad saganticharratti argamuun hirmaattota Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 35ffaan baga nagaan dhuftan jedhaniiru.

Dameen Turizimii hedduun sababa weerara Covid – 19 rakkoo hammaataaf saaxilamuu kaasuun, damichaa balaa kanneenirraa baraaruuf filannoowwan adda addaa fayyadamuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.