Fana: At a Speed of Life!

Qonna Magaalaatti fayyadamuun jiruuf jireenya keenya fooyyeffachaa jirra – jiraattoota Magaalaa Mattuu

Finfinnee, Amajjii 28, 2014 (FBC) – Qonna Magaalaatti fayyadamuun jiruuf jireenya keenya fooyyeffachaa jirra jedhan jiraattonni Magaalaa Mattuu.

Godina Iluu Abbaa Boor bulchiinsa Magaalaa Mattuutti dargaggoonni fi jiraattonni tokko tokko lafa xiqqoo qaban irratti haala saayinsaawaan kuduraalee fi muduraalee adda addaa oomishaa jiraachuu ibsameera.

Namonni kunneen Abukaadoo sanyii fooyya’aa, Muuzii, sanyii Buna fooyya’aa fi kanneen biroos baay’isaa jiraachuu himaniiru.

Dargaggoonni kunneen oomisha qonnaa hojjetaa jiranirraa fayyadamoo ta’uuf walitti hidhaminsi gabaa uumamuufii akka qabu gaafataniiru.

Jilli Ittaanaa Biiroo DhimmaDargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa obbo Kadir Indaalkaachoon durfamus magaalichatti hojii Qonna adda addaa dargaggootaan hojjetamaa jiru daawwateera.

Itti Aanaa itti gaafatamaan Biiroo Dhimma Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa obbo Kadir Indaalkaachoo muuxxannoo dargaggoota kanneenii babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Rakkoo walitti hidhaminsa gabaa jiru hiikuufis qaama dhimmi isaa ilaalu waliin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Magaalichatti lafa hektaara 18 irratti hojiin misooma Qamadii dabalatee hojiin qonna garaa garaa hojjetamaa jira.

Ifaa Dalasaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.