Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni yaa’iichaarratti yaadoota tokkummaa Afrikaa cimsan kaasaniiru – Ambaasaaddar Diinaa Muuftii

Finfinnee, Amajjii 28, 2014 (FBC) – Hoggantoonni Afrikaa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 35ffaarratti hirmaatan yaadoota tokkummaa Afrikaa cimsanii fi rakkoo ardichaa sirreessuu fi jijjiiruu danda’an kaasuu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muuftiin ibsaniiru.

Yaada hoggantoonni kunneen yaa’icharratti kaasaan ilaalchisee Ambaasaaddar Diinaan miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Sagaleen Afrikaa addunyaarratti dhaga’amuu akka qabu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad haasawa baniinsaa taasiisaniin dubbachuu eeraniiru.

Afrikaan Beelaa fi Waraanaan, Hongee fi weeraraan qoramaa jiraachuu kaasuun, rakkoo keenyaaf furmaata laachuuf tumsii fi tokkummaan barbaachisaadha jechuu isaanii Ambaasaaddar Diinaan eeraniiru.

Afrikaan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti teessoo dhaabbii qabaachuu akka qabdu dubbii isaaniin kaasaniiru.

Hoggantoonni Afrikaa biroon haasawa taasiisaaniin nageenya, Misoomaa fi Diimookiraasii Afrikaaf tumsii fi tokkummaan lammiilee Afrikaa daraan murteessaa ta’uu kaasuu isaanii Ambaasaaddar Diinaan ibsaniiru.

Dandeettii kuufamaa Afrikaan qabdu tumsaan gara qabatamaatti jijjiiruun barbaachisaa ta’uu hubachiisuu isaanii kaasaniiru.

Hariiroo biyyootaa cimsuun, walitti bu’iinsa dhaabuun fi midhaan nyaataan of danda’uun akka dhimma ijootti ka’uu isaanii Ambaasaaddar Diinaan eeraniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.