Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ministira Alaa Aljeeriyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 27, 2014 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Alaa Aljeeriyaa Ambaasaaddar Raamaayaan waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa fooyya’aatti ceesiisuuf Ityoophiyaan fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.

Mootummaan deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf murannoo qabaatus gareen Shororkeessaa ABUT haleellaa haaraa naannoo Amaaraa fi Afaaritti raawwachaa jiruun gufachuu kaasaniiru.

Ministirri Alaa Aljeeriyaa Ambaasaaddar Raamaayaan gama isaaniin hariiroo hunda galeessa biyyoota lamaanii fi naannichaa cimsuuf fedhiin jiraachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.