Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makonnin humna atoomii misoomaaf fayyadamuuf Ejensiin Atoomik Inarjii Idil Addunyaa deeggarsa akka taasisu gaafatan

Finfinnee, Amajjii 27, 2014 (FBC) – Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Daayrektara olaanaa  Ejensiin Atoomik Inarjii Idil Addunyaa Raafaa’eel Maariiyaanoo waliin mari’atan.

Obbo Dammaqaan haala yeroo biyyaalessaa Ityoophiyaa ilaalchisee daayrektarichaaf ibsa laataniiru.

Ityoophiyaan walga’ii Gamtaa Afrikaa gaggeessaa jiraachuu fi kun ammoo nageenyi Ityoophiyaa keessa jiraachuuf agarsiistuu ta’uu ibsaniiru.

Humna atoomii misoomaaf fayyadamuuf Ejensichi deeggarsa akka taasisu gaafataniiru.

Tumsa ejensichi taasisu cimsuuf Ityoophiyaatti giddugala akka hundeessuuf gama Ityoophiyaa fedhiin jiraachuu ibsaniiru.

Daayrektarri olaanaan  Ejensii Atoomik Inarjii Idil Addunyaa Raafaa’eel Maariiyaanoon gamasaaniin, ejensichi giddugala wal’aansa dhibee kaansarii hundeessuuf karoora qabaachuu ibsaniiru.

Dameewwan garaagaraarratti ejensichi Ityoophiyaa waliin hojjechuuf qophii ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.