Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni biyyoota Afrikaa yaa’ii Gamtaa Afrikaa 35ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galuun itti fufeera

Finfinnee, Amajjii 27, 2014 (FBC) – Hoggantoonni biyyoota Afrikaa yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 35ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galuun itti fufeera.

Haaluma kanaan Preezdaantiin Somaaliyaa Mohaammad Abdullaahii Farmaajoon Buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’aniiru.

Wayita buufata xiyyaarichaa ga’an Ministirri Ministeera Qonnaa obbo Umar Huseen, Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo fi hoggantoota mootummaa biroon simannaan taasifameeraafi.

Barnaabaas Tasfaayeetu gabaase.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.