Fana: At a Speed of Life!

Ministiroonni Alaa Chaayinaa fi Raashiyaa Beejiingitti mari’atan

Finfinnee, Amajjii 27, 2014 (FBC) –Ministirri Alaa Chaayinaa Waang Zhiin gita isaanii Raashiyaa Sargeey Laavroov waliin Beejiingitti dhimmoota waloo biyyoota lamaanirratti mari’ataniiru.
Marii aango’oota biyyoota lamaaniin booda Preezdaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiingg fi kan Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Beejingitti kan mari’atan ta’uu ibsameera.
Marii Preezdaantoonni biyyoota lamaanii taasiisaniif qophiin xumuramuu Ministirri Alaa Chaayinaa Waang Zhiin himaniiru.
Marii yeroo itti aanu qaamolee lamaan gidduutti gaggeeffamu hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf, DippiloomaasII fi ijaarsa walitti dhufeenya idil addunyaa babal’isuuf ta’uu Ministirri Alaa Raashiyaa Sargeey Laavroov eeraniiru.
Akkasumas tumsa tarsiimoo Chaayinaa fi Raashiyaaf qooda olaanaa qabaachuu fi Siyaasa Idil addunyaarratti waloon dhiibbaa uumuuf Preezdaantoonni lameen waliigaltee murteessaa ta’e ni taasiisuun eeggama jedhame.
Maddi:-CGTN
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.