Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiiwwan Walloo, Maqdallaa Ambaa fi Waldiyaa baatii Guraandhalaa keessa hojii ni eegalu- Minsteera Barnootaa

Finfinnee, Amajjii 27, 2014 (FBC) – Yuunvarsiitiiwwan Walloo, Maqdalaa Ambaa fi Waldiyaa garee shororkeessaan saamamanii fi barbadaa’anii turan jalqaba  baatii Guraandhalaa keessa barattoota simachuun hojii kan eegalan ta’uu  Minsteerri Barnootaa beeksise.

Waraana garee shororkeessaan ABUT naannoo Amaarraarratti bane tureen walqabatee Yuunvarsiitiiwwan kunneen hojii baruu fi barsiisuu addaan kutuu Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Saamu’eel Kiflee ibsaniiru.

Gareen shororkeessaa kun naannicha weeraraan qabatee wayita turetti yyunvarsiitiiwwan kanneen irra miidhaa guddaa qabasiisuu yaadachiisuun hojiin suphaa akka eegalamuuf tattaaffiin taasifamuu dubbataniiru.

Deeggarsa mootummaa fi waan qabaniin hojii bittaa meeshaalee fi suphaa akka adeemsisan taasisuurra darbee karaawwan baruu fi barsiisuu ittiin gaggeessuu danda’an akka barbaadanii fi gara hojiitti galan taasisuuf deeggarsi taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Yuunvarsiitiiwwan kunneen barattoota eebbifamtoota jalqaba kan simatan ta’uu fi  warren kaanis akkaataa sagantaa isaaniin kan simatan ta’uu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.