Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni biyyoota Afrikaa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galaa jiru

Finfinnee, Amajjii 27, 2014 (FBC) – Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaa guyyaa boruu eegalu irratti hirmaachuuf hoggantoonni biyyoota Afrikaa Yaa’ii Gamtaa Afrikaaf Finfinnee galaa jiru.

Har’aa ganamas  Preezdaantiin Mooriitaaniyaa Mahaammad Uuld Algazawaaniin Finfinnee galaniiru.

Dabalataanis Ittaanaan Preezdaantii Taanzaaniyaa Filiip Mibaangoon Finfinnee galaniiru.
Buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee wayita ga’an Ministira Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abirahaam Balaayii fi Ministira Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan simannaa taasifameeraafi.

Yaa’icharratti hirmaachuuf hoggantoonni biyyoota Afrikaa garaagaraa guyyaa kaleessaarraa jalqabee gara Finfinnee gala jiraachuun isaanii ni yaadatama.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.