Fana: At a Speed of Life!

Kaameeruun Waancaa Afrikaa 33ffaa ala taate

Finfinnee, Amajjii 26, 2014 (FBC) – Tapha moo’anii darbuu walakkaa xumuraa halkan kana Kaameeruunii fi Ijipti gidduutti gaggeeffameen Ijipti rukkuttaa bilisaan injifachuun tapha Waancaaf darbuu mirkaneeffatteerti.

Sa’aatiin idile goolii malee qixa xumuramuun rukkuuttaa bilisaan Ijipti goolii 3 fi 1n Kaameeruun injifachuun tapha waancaa xumuraaf darbuu mirkaneeffatteerti.

Qopheessituun Waancaa Afrikaa 33ffaa Kaameeruun osoo hin milkaa’iin hafteerti.

Seeneegaalii fi Ijipti shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa 33ffaa ta’uuf carraa waliin falmachuu argataniiru.

Ijipti yeroo 7 Shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa yoo taatu, Seeneegaal yeroo 3 xumuraaf geesseerti.

Taphattoonni sarara fuulduraa Liivar Puul Saalaa fi Maaneen faallaa walii ta’anii ni taphatu.

Taphni xumuraa Waancaa Afrikaa Dilbata dhufu ni taphatama.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.