Fana: At a Speed of Life!

Kaadhimamtoota Komishinarummaaf eeraman 42 irratti boru yaadni ummataa ni laatama

Finfinnee, Amajjii 26, 2014 (FBC) – Kaadhimamtoota Komishinarootaa Maree biyyaalessaa akka hogganan maloota garaagaraan eeraman 42 irratti boru yaadni ummataa ni laatama jedhame.

Boru sa’aatii 8:30 irratti yaadni ummattaa kan laatamu ta’uu eerameera.

Waltajjii yaada ummataa kanarratti, bakka buutoonni paaartilee siyaasaa, dhaabbilee amantaa, jaarsoliin biyyaa naannolee fi Waldaalee Siiviikii kan argaman ta’uu Walitti Qabaan Koree Gurmeessaa fi fudhaa eeruu ummataa Kaadhimamtoota Komishinaroota Komishinii Maree Biyyaalessaa Dooktar Heenook Siyyuum ibsaniiru.

Maqaa fi seenaan kaadhimamtoota 42 kanneenii Fuula Mana Marichaan kan ibsamu ta’uu Dooktar Heenook dubbachuu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.