Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota Afrikaa Finfinnee galuu itti fufan
Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC) – Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota Afrikaa Yaa’ii hoggantaa Gamtaa Afrikaa 35ffaa fi Walga’ii Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu 40ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galuu itti fufaniiru.
Ministirri Alaa Keeniyaa, Ugaandaa, Maalaawwii, Ikkuwaataraal Giinii, Naamiibiyaa, Koomoroos, Birrundii fi Moozaambiik Finfinnee galaniiru.
Ministiroonni kunneen wayita Buufata Xiyyaaraa Idil addunyaa Boolee ga’an Ministeera Dhimma Alaatti muudamaa Olaanaan Pirootookoolii Ambaasaaddar Faayisal Aliy simannaa taasiisuufii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.