Ummanni Naannoo Amaaraa Horsiise Bultoota godina Booranaa fi Baaleef deeggarsa taasise
Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC)- Ummanni Naannoo Amaaraa Horsiise Bultoota godinota Booranaa fi Baaleef deeggarsa taasise
Ummanni Naannoo Amaaraa horsiise bultoota hongeen miidhamaniif deggarsa margaa konkolaataa 52 ol ta’u taasiseera.
Sirna walharkaa fuudhiinsa deeggarsichaarratti preezdaantonni mootummaa naannolee lameenii argamaniiru.
Preezdaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa deggersa taasifameef galateeffatanii, ummanni Oromoo fi Amaaraa yeroo rakkoottis ta’ee yeroo gammachuu gargar ba’anii hin beekan jedhaniiru.
ABUT ummattoota kanneen gargar baasuuf yaalii taasiftus ummanni keenya tokkummaan isaa cimee waan jiruuf olola hin taaneen gargar ba’uu hin danda’u.
Uummanni Oromoo fi Amaaraa tokkummaan waliin dhaabbatee jiruuf saboota biyya kanaa waliin ta’uun birmadummaa biyya keenyaa eeguuf waliin jiraachuu ibsaniiru.
Preezdaantiin Naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa gama isaaniitiin, tokkummaan humna ta’uu ummanni Oromoo fi mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo keessatti uummata Amaaraa cina dhaabbatee turuu ibsaniiru.
Uummanni Amaaraa rakkoo keesaa taa’ee ummata horiisee Bulaa hongeen miidhame waan qaburraa deggarsa taasisuu himaniiru.
Deggarsi taasifame gahaa akka hin taane fi rakkoon keessan rakkoo keenya jechuun waan xiqqoo kana qabannee dhufneerra jedhan.
Fuuldurattis deggarsa barbaachisu taasisuuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.