Fana: At a Speed of Life!

Daandiin qilleensa Ityoophiyaa guyyaa hardhaa xiyyaaraa Booyiing 737 balalii eegalchiise

Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC)- Daandiin qilleensa Ityoophiyaa irra deddeebiin nageenyummaa isaa erga mirkaneessee fi yeroo lama yaalii erga taasiseen booda  xiyyaaraa Booyiing 737 guyyaa hardhaa irraa  balallii eegalchiisuu ibsame.

Dhaabbanni Booyiing meeshaalee xiyyaarichaarratti irra deddeebiin qorannoo fi sakattoo erga gaggeeseen booda meeshaalee  balichaaf sababa jedhaman fooyyessuu fi sirreessuu ibseera.

Biyyoonni hedduunis nageenyummaa isaa mirkaneessuun balalii eegaluu beekameera.

Daandiin qilleensa Ityoophiyaas irra dedeebiin nageenyummaa isaa erga mirkaneessee fi yeroo lama yaalii balalii erga taasiseen booda balalii eegalchiisuu ibsameera.

Sirna balalii eegalchiisuu kanarratti Walitti qabaan boordii Daandii Qilleensa Ityoophiyaa, Miseensonni garee maaneejimantii daandichaa, Ministiroonni, Ambaasaaddaroonni, hoggantoonni olaanoo hojii mootummaa fi maamiltoonni argamaniiru.

Shawaa Maasrashaatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.