Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makonnin ergamaa addaa gaanfa Afrikaa Faransaay waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin ergamaa addaa gaanfa Afrikaa Faransaay Ambaasaaddar Fireediriik Kilaaveeyoo waliin mari’atan.

Obbo Dammaqaan hariiroon biyyoota lameenii waggoota dheraa kan lakkoofsise ta’uu yaadachiisuun fuulduratti hariiroo biyyoota lameenii daran cimsuuf gama Ityoophiyaa fedhiin jiraachuu ibsaniiru.

Mootummaan Faransaay haala yeroo Ityoophiyaa haala madaalawaa ta’een ilaaluun isaa kan jajjabeeffamu ta’uu addeessaniiru.

Haalli yeroo Ityoophiyaa yeroodhaa gara yerootti fooyya’aa dhufuu, mootummaan nageenyaaf jedhee dhiyeenyatti hidhamtoota seeraa gadi lakkisuu fi waliigaltee biyyaalessaa uumuuf marii hunda hirmaachise gaggeessuuf hojjetamaa jiraachuu obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Bakkeewwan waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruu fi deeggarsa namoomaa waliin ga’uuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Deeggarsa namoomaa waliin gahuuf gama mootummaa kutannoon jiraatus gareen shororkeessaa naannolee olla Amaaraa fi Afaarirratti haleellaa haaraa raawwachuun rakkoo uumaa jiraachuu eeraniiru.

Ambaasaaddar Fireediriik Kilaaveeyeen gamasaaniin ibsa taasifameefiif galateeffataniiru.

Ityoophiyaan naannawaa gaanfa Afrikaatti biyya jabduu fi dhiibbaa uumtu ta’uu ibsuun biyyi isaanii hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedhii qabaachuu eeraniiru.

Tattaaffii mootummaan bakkeewwan waraanaan miidhaman deebisee ijaaruu fi marii waliigaltee biyyaalessaa uumuuf taasifamu mootummaan Faransaay kan deeggaru ta’uu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbi Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.