Fana: At a Speed of Life!

Nageenya waaraa mirkaneessuuf ga’ee keenya ba’achuu qabna- Abbootii Amantaa

Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC)- Duudhaalee waliinii fi wal kabajuu keenya dargaggoota hubachiisuun dargaggoon waardiyyaa nageenyaa akka ta’uuf ga’ee keenya ba’achuu qabna jedhan Abbootiin Amantaa.

Ministeerri Nageenyaa mata duree “ qabeenya hawaasaa keenya nageenya waaraaf” jedhuun Abbootii Amantaa waliin waltajjii marii biyyaalessaa gaggeessuu ibsame.

Uummataa fi mootummaa walitti buusuuf qaamoleen  amantaa dawoo godhachuun socho’an jiraachuu fi mootummaan qaamolee kanneen irratti tarkaanfii seera qabeessa fudhachuu akka qabu  abbootiin amantaa waltajjicharratti hirmaatan yaadachiisaniiru.

Dargaggoonni aadaa wal kabajuu fi wal danda’uu akka guddisataniif barsiisuun nageenya waaraa mirkaneessuuf abbootiin amantaa ittigaafatamummaa olaanaa kan qaban ta’uu eeraniiru.

Ministeera Nageenyaatti Ministir Deetaan damee ijaarsa nageenyaa fi Waliigaltee Biyyaalessaa Obbo Taayyee Danda’aa gamasaaniin, nageenyi wanta hundaaf bu’uura ta’uu fi nageenya waaraa mirkaneessuuf abbootiin amantaa qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Aadaa gaarii Ityoophiyaa ture itti fufsiisuuf abbootiin amantaa barsiisa amantaa sirrii manneen amantaatti kennaman cimsuu akka qaban ibsuu isaanii ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.