Fana: At a Speed of Life!

Magaalaan Jimmaa lammiilee godina Baaleetti hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaata taasise

Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC)- Magaalaan Jimmaa lammiilee godina Baaleetti hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaata taasiseera.

Kantiibaan Magaalichaa obbo Najiib Abbaa Raayyaa godinichatti lammiilee hongeen miidhaaman tumsuuf deeggarsi midhaan nyaata geejjibsiifamuuf qophaa’u himaniiru.

Deeggarsi amma ergamuuf qophaa’e kun marsaa jalqabaa ta’uun ibsameera.

Gara fuulduraattis ummata magaalichaa hirmaachisuun deeggarsa walitti qabuuf karoorfamuu himaniiru.

Koreen qindeessituu magaalichaa hojii deeggarsa sassaabuun gara iddoowwan hongeen miidhamaniitti erguu kana ittifufiinsaan hordoffii taasisaa jirachuu isaanii ibsaniru.

Dabalatanis Yuunvarsiitin Madda Walaabuu Godinoota Baalee fi Baalee Bahaa keessatii sababa hanqina Roobaatiin Lamiilee rakkoof saaxilamaniif deeggarsa midhaan nyaata fi nyaata beeyladaa taasiseera.
Yuunvarsiitichi deeggarsa marsaa 2ffaaf taasise kanaan Qamadii kuntaala 300 fi marga nyaata beeyladootaaf oolu beelii (hidhaa) 5200 kan taasise yoo ta’u, deeggarsi kun tilmaama Birri miiliyoona 1.6 ol ta’a.

Tasfahun kabbadaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.