Fana: At a Speed of Life!

Dhangaggaa’ummaa biyyee hir’isuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- BQO

Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhangaggaa’ummaa biyyee hir’isuuf  xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ittaanaan Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Eeliyaas Kadir ibsan.

Sirna dhiheessii fi liqaa Nooraa ittiin saffisiisuun danda’amurratti qooda fudhattoota waliin mareen gaggeeffamuu ibsameera.

Dhangaggaa’ummaa biyyee oomishaa fi oomishtuumaa qonnaarratti dhiibbaa geessisaa jiru hir’isuuf oomisha nooraatiif baajata Birrii miiliyoona 97 ramaduun waarshaa oomisha nooraa dabalataa fi konkolaattota nooraa geejibsiisan bituun deeggersaa fi hordoffii barbaachisu hunda taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhiheessii nooraa guddisuuf bakka dhangaagga’ummaan biyyee itti baayyatu godinaalee 14 aanaalee 68 keessatti qonnaan bultoonni nooraa liqaadhaan akka argataniif dambii fi qajeelffamni liqaa nooraa qophaa’uun hojiirra akka ooluuf mirkanaa’uu eraniiru.

Guyyaa har’as bakka Yuuniyeeniin qonnaan Bultootaa Lixa Oromiyaa keessa jiran 19 fi hoggantoonni Waajjira Qonnaa fi waldaalee hojii gamtaa godinoota dhangaggaa’ummaan biyyee itti baayyaturraa argamanitti dhimma dhiheessii liqaa Nooraarratti mari’atanii jiraachuu ibsameera.

Biyyee dhangaggaa’ummaan miidhame yaaluun oomishtummaa qonnaa guddisuuf kallattii mootummaan kaa’ame hojiirra oolchuuf qooda fudhattoonni gahee isaanii akka ba’atan dhaamuu isaanii ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.