Miidiyaaleen bilisummaan akka socho’aniif mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jira- Abbaa Taayitaa Miidiyaalee
Finfinnee, Amajjii 24, 2014 (FBC)- Miidiyaaleen bilisummaan akka socho’aniif mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa ibse.
Abbaan taayitichaa yaa’ii waliigalaasaa magaalaa Finfinnee hoteela Intarkontiinentaalitti gaggeessaa jira.
Daayrektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa obbo Mahaammad Idiriis haasaa waltajjichaan taasisaniin miidiyaaleen bilisummaan akka socho’aniif mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Tatamsa’ina odeeffannoowwan sobaa dhabamsiisuuf miidiyaaleen ga’ee isaanii akka ba’atan yaadachiisaniiru.
Ogeeyyiin miidiyaa ogummaa isaanii duubatti dhiisuun nama siyaasaa fi rogeeyyii miidiyaa ta’uun yeroo socho’an kan mul’atu ta’uu fi faayidaa kan qabu ogummaa isaaniin ijaa fi gurra uummataa ta’uun tajaajiluu akka ta’e addeessaniiru.
Ityoophiyaatti bakka bu’aan imbaasii Faransaay Kilaawud Bileeviin gamasaaniin, biyyi isaanii guddina miidiyaaf Ityoophiyaa waliin kan hojjettu ta’uu waltajjichaan ibsaniiru.
Manni Maree miidiyaalee Ityoophiyaa dhaabbilee miidiyaa 46 miseensummaan kan haammate yoo ta’u gaaffii miidiyaalee haaraa 16 fudhachuun raggaasiseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.