Aanaa Gumbii Bordoddeetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 4 darbe
Finfinnee, Amajjii 22, 2014 (FBC) – Godina Harargee Lixaa aanaa Gumbii Bordoddeetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 4 darbuu ibsame.
Konkolaataan Aayisuuzuu jedhamuMagaalaa Hirnaarra gara Adaamaatti ariitii olaanaan osoo fiiguu Aanaa Gumbii Bordoddee iddoo Funyaan Ajoo jedhamutti konkolaataa wal harkisu (Boottee) bakka inni dhaabbatee jirutti itti bu’ee battalumatti namoonni Aayisuuzucha keessa jiran 4 lubbuun darbuu, Qindeessaan Tiraafikaa Aanaa Gumbii Bordoddee Saajin Olaanaan Umar Usmaan ibsuu OBN gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.