Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Adaamaatti Hospitaalli Haadholii fi Daa’immanii baasii Birrii Miiliyoona 70 oliin ijaarrame eebbifame

Finfinnee, Amajjii  21, 2014 (FBC)- Hospitaalli Haadholii fi Daa’immanii Baatii baasii Birrii Miiliyoona 70 oliin Magaalaa Adaamaatti ijaarrame guyyaa har’aa eebbifameera.

Sadarkaa itti aanaa Preezdantiitti i Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Naannoo Oromiyaa obbo Abduulhaakim Muluu sirna eebbaa kanarratti argamaniiru.

Abbaan Qabeenya Hospitaalicha Dooktar Alamayyoo Girmaa Hospitaalichi keessattuu du’aatii daa’imman xixxiqqaa fi haadholii gama hir’isuutiin gahee olaanaa qaba jedhan.

Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa Dhaabbileen Fayyaa Dhuunfaa kaffaltii madaalawan hawaasa tajaajilu akka qaban hubachiisaniiru.

Obbo Abaduulhaakim Muluu gama isaaniin Dhaabbileen Fayyaa Dhuunfaa naamusa ogummaa hin qabne irratti tarkaanfiin fudhatamuu himuun, hordoffii cimaanis irratti ni taasifama jechuusaanii OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.