Fana: At a Speed of Life!

Magaaloota Waldiyaa, Marsaa, Wacaalee fi naannawaa jiranitti tajaajilli humna Elektirkaa adda cite

Finfinnee, Amajjii 20, 2014 (FBC) – Utubaa Sarara daddabarsa humnaa elektirikaa abbaa Kiiloo Vooltii 66 irratti balaa ibiddaa muudateen magaaloota Waldiyaa, Marsaa, Wacaalee fi naannawaa jiranitti Tajaajilli humna Elektirkaa adda cituu ibsameera.
Utubaa sarara daddabarsa Humna Elektirikaa Buufata Raabsa Dasee hanga Waldiyaa diriirfame abbaa Vooltii 66 irra aanaa Habruu ganda Qarceem barritti sababa hin beekkamneen balaa ibidaa muudateen utubaaleen 4 guutumaa guutuutti barbadaa’uun magaaloota kanneenitti tajaajjilli humna elektirikaa adda cituu Tajaajilli Humni Elektirikaa naannoo Amaaraa ibseera.
Utubaalee kanneen deebisanii dhaabuuf tattaaffii olaanaan taasiifamaa jiraachuu himameera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.