Yuunvarsitiin Arsii konfirensii qorannoo biyyoolessaa 7ffaa gaggeessaa jira
Finfinnee, Amajjii 20, 2014 (FBC) – Yuunvarsitiin Arsii mata duree ‘guddina itti fufiinsa qabu Ityoophiyaatti fiduuf hojii diinagdee fi daldalaa qorannoon deeggaruu’ jedhuun konfirensii qorannoo biyyoolessaa 7ffaa gaggeessaa jira.
Konfirensii kanarratti waraqaawwan qorannoo 30 hayyoota yuunvarsitii garagaraan dhiyaachuu ibsameera.
Waraqaawwan qorannoo 7 hayyoota yuunvarsitii arsiitiin kan hafan 24 ammoo hayyoota yuunvarsitii garaagaraan dhiyaachuu yuunvarsitii Arsiitti Diiniin koolleejjii Ikoonomiksii fi Biizinasii obbo Lammaa Tashoomaa ibsaniiru.
Yuunvarsitii Arsiitti itti aanaan Preezdaantii qorannoo fi tajaajila hawaasaa Dooktar Adam Kadiir, rakkoo akka biyyaatti jiru furuuf ga’een qorannoo murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Diinagdee biyyaa utubuu fi itti fufisiisuuf qaamni qorannoo gaggeessuu fi imaammata biyyaa baasu tumsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Yuunvarsitii Haramayyaatti hayyuun diinagdee proofeesar Jamaal Haajiis, akka biyyaatti hariiroon qaamolee qorannoo gaggeessanii fi imaammata fi tarsiimoo biyyaa baasan jidduu jiru laafaa ta’uu ibsaniiru.
Koonfirnsiin kun guyyoota lamaaf Kan turu ta’uu sagantaa baheerraa hubachuun danda’ameera.
Muhaammad Guddataatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.