Magaalichatti miseensota diyaaspooraa manneen jireenyaa waldaan ijaaruuf Doolaara miiliyoona 7 qusataniif bakki ijaarsaa kenname
Finfinnee, Amajjii 20, 2014 (FBC) – Magaalaa Jimmaatti miseensota diyaaspooraa manneen jireenyaa waldaan ijaaruuf Doolaara miiliyoona 7 qusataniif bakki ijaarsaa kennamuu ibsame.
Bakki ijaarsichaa kan kenname hawaasa diyaaspooraa 120 magaalichatti misooma manneen jireenyaarratti bobba’uuf waggoottan 6 darban qusachaa turaniif ta’uu eerameera.
Ityoophiyaan wayita rakkoo keessaa fi alaan muddamaa turtetti Ityoophiyaanonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa biyya alaa jiraatan ambaasaaddara biyyasaanii ta’uun tajaajilaa turuu Kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Najiib Raayyaa ibsaniiru.
Hojii diyaaspooronni biyya isaanii ijaaruuf taasisan kan jajjabeeffamu ta’uu fi dameewwan biroo keessattis hirmaannaa taasisan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.
Hawaasni diyaaspooraa maallaqa walitti qabuun magaalaa Jimmaa keessatti Birrii miiliyoona 1 fi kuma dhibba 6 kutaawwan barnootaa ijaarsisuu kaasaniiru.
Magaalichatti mana barumsaa idileen duraa Bu’uura Boruu ijaarsisaa jiraachuu himaniiru.
Dameewwan invastimantii garaagaraarratti hirmaachuu warren barbaadaniif haalli mijataan jiraachuu Ittaanaan bulchaa godinichaa obbo Yasuuf Shaaroo addeessaniiru.
Hundeessaa fi barreessan waldaa diyaaspooraa Oromoo Awustaraaliyaa obbo Mahaammad Abbaa Waajii gamasaaniin, biyyoonni lixaa wayita dhiibbaa Ityoophiyaarraan geessisaa turan balaaleffachaa fi biyyasaaniif sagalee ta’aa turuu ibsaniiru.
Maddi:- TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.