Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni diysaapoora waamicha fudhachuun gara biyyaa dhufaan sodaa balaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 14 ol taasisan

Finfinnee, Amajjii 19, 2014 (FBC)- Miseensonni diysaapoora waamicha fudhachuun gara biyyaa dhufaan sodaa balaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 14 ol taasisuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Ityoophiyaa beeksiseera.

Daayrektarri qunnamtii uummataa komishinichaa obbo Dabbabaa Zawdee turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti waliin taasisaniin,  lammileen kun deeggarsa isaanii karaa garaagaraa taasiisaa kan jiran ta’ullee karaa komishinii kanaa qofa Birrii miiliyoona 14 olii  fi nyaata gabbisaa deeggarsa taasisuu isaanii himaniiru.

Deeggarsichis Ameerikaa biyya Saakraameentoo irraa miiliyoona 12 fi kuma 227 ol biyya Jarman Nurambergii Birrii miiliyoona 1 fi kuma  33 ol lammileen diyaaspooraa dhalattoota Mojoo ta’an  Birrii miiliyoona tokko Jarman Firankfart kan jiraatan miseensoonni waldaa misooma naanno kibbaa Birrii kuma dhibba tokko akasumas lammileen Ameeriikaa Meriilaand jiraatan nyaata gabbisaa kuntaala 33.37 arjoomuu isaanii himaniiru.

Lammileen kunneen deeggarsa taasisan kana gara fuula duraattis kan cimsanii itti fufan ta’uu waadaa seenuu isaanii daayrektarichi  ibsaniiru.

Minaalee Gabayyootu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.