Naannoo Kibbaatti daldaltoota seeran alaa kuma 29 irratti tarkaanfiin fudhatame
Finfinnee, Amajjii 19, 2014 (FBC) – Naannoo Kibbaatti daldaltoota seeran ala hojii daldalaarratti bobba’an kuma 29 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Daldalaa fi Misooma Gabaa naannichaa beeksiise.
Naannichatti sirna daldalaa Ammayyeessuu fi mirga shamattootaa kabachiisuun haala danda’amurratti waltajjiin marii gaggeeffamaa jira.
Mirga shamattootaa kabachiisuun ga’ee qaama hundaa ta’uu Hogganaan Biiroo Daldalaa naannichaa obbo Maahee Booddaan ibsaniiru.
Caasaaleen mootummaa naannoo hanga Gandaa jiru qaala’iinsa gabaa tasgabbeessuuf ga’ee isaanii bu’uu akka qaban ibsaniiru.
Naannichatti daldaltoota seeran ala hojii daldalaarratti bobba’an kuma 29 irratti tarkaanfiin fudhatamuu dubbataniiru.
Taariiknash Seettaatu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.