ABUT deeggarsi namoomaa gara naannoo Tigraay akka hin galle guutumaa guutuutti uggure – Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasilaaseen
Finfinnee, Amajjii 19, 2014 (FBC) – Gareen Shororkeessaa ABUT deeggarsi namoomaa gara naannoo Tigraay akka hin galle guutumaa guutuutti ugguruu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaan addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasilaaseen ibsan.
Garichi naannoo Afaar Magaaloota Abaalaa, Magaallee, Baaraahilee fi Ireebtiitti haleellaa suukaneessaa raawwachuu ibsaniiru.
ABUT weerara haaraa banuun tattaaffi dhiyeessii deeggarsa namoomaa lammiilee naannichatti argamaniif taasiifamu rakkisaa taasiisuu himaniiru.
Deeggarsi namoomaa ummata naannoo Tigraayiif akka hin galle guutumaa guutuutti ugguruu eeraniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT karoorfatee haleellaa raawwachuun lammiilee nagaa hirirsaa fi buqqisaa jiraachuu Ambaasaaddar Taayyeen dubbataniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.