Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaanonni qabsoo dippiloomaasii eegalan cimsanii itti fufuu qabu- Seenaataroota Ameerikaa

Finfinnee, Amajjii 18, 2014 (FBC) – Manni maree lammiilee Ityoophiyaa Ameerikaa miseensa( Seenaatara) mana maree bulchiinsa Naavaadaa Kaatiriin Maasaatoo fi miseensa mana maree bulchiinsa Koloraadoo Jaysan Kiroowu waliin haala yeroorratti mari’ataniiru.

Ityoophiyaanonni tokkummaan qabsoo dippiloomaasii eegalan cimsanii itti fufuu akka qaban Seenaataroonni kunnee marichaan ibsaniiru.

Dhimma Ityoophiyaa xiyyeeffannoon hordofaa jiraachuu bakka bu’oota mana marichaaf ibsuu eeraniiru.

Ityoophiyaa fi Ameerikaan hariiroo waggoottan dheeraa kan qaban ta’uu fi hariiroo kana haala salphaan kan diigan akka hin taane ibsaniiru.

Ityoophiyaanonni tokkummaan hojii dippiloomaasii eegalan cimanii itti fufuu akka qaban eeraniiru.

Jaysan Kiroowu gamasaaniin tarkaanfii bulchiinsi Joo Baayidan AGOA fayyadamuun garee shororkeessaa ABUT deeggaruuf fudhate uummata Ityoophiyaa kan miidhu ta’uu ibsaniiru.

Proojektiiwwan deeggarsa namoomaaf diriirfaman faayidaa siyaasaaf oolchuun amala Ameerikaa akka hin taane bakka bu’oota mana marichaaf ibsuu eeramera.

Dhimma AGOA dhiyeenyatti kan hordifan ta’uu ibsuu isaanii ragaan Manni maree lammiilee Ityoophiyaa Ameerikaa irraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.