Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalli Waliigalaa Kamisee tajaajila guutuu laachuu eegale

Finfinnee, Amajjii 18, 2014 (FBC) – Hospitaalli Waliigalaa Kamisee gareen shororkeessaa ABUTtiin barbadaa’ee ture irra deebiin tajaajila guutuu laachuu eegaluu ibsameera.
Hospitaalli Xirunash Beejiing deeggarsa Birrii miiliyoona 15 taasiisuun Hospitaalli waliigala Kamisee tajaajila guutuu laachuu akka jalqabu taasiisuu Daayreektarri Meedikaalaa Hospitaalichaa Dooktar Sa’iid Ahimad ibsaniiru.
Hospitaalichi deeggarsa qaamolee garaagaraarraa argateen tajaajila laachuu eegaluu isaa Hojii Gaggeessaan Hospitaala Kamisee obbo Barihee Gabramaariyaam himaniiru.
Hanqinni Oksijinii, Dhiigaa, fi Konkolaattootaa hospitaalichi tajaajila yaala Baqaqsanii Yaaluu akka hin eegalleef gufuu ta’uu kaasuu obbo Bariheen himuu EBCn gabaaseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.