Fana: At a Speed of Life!

Namoota garee shororkeessaa Shaneen ukkaamfamanii fudhataman deebisuuf hojjechaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 16, 2014 (FBC) – Namoota garee shororkeessaa Shaneen ukkaamfamanii fudhataman deebisuuf hojjechaa jiraachuu koreen waloo nageenyaa federaalaa beeksise.

Garichi guyyaa kaleessaa Godina Wallagga Bahaa aanaa Gobbuu Sayyoo bakka Baafannoo jedhamutti  naannoo sa’aatii 10 barattoota 5 fi nama dhuunfaa hojii daldalaarratti bobba’ee jiraatu tokko waliigala namoota 6 ukkaamsee fudhachuu Korichi ibsa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif ergeen ibseera.

Tarkaanfii  qindaa’aa qaamoleen nageenyaa federaalaa fi qamolee nageenyaa naannoo Oromiyaan irratti fudhachaa jiraniin gareen shororkeessaa Shanee barbadaa’aa jiraachuu ibsichaan eerameera.

Ha ta’u malee qaamoleen  garichaa tokko tokko bakkeewwan garaagaraa da’eeffachuun lammiileerra gochoota akka kanaa raawachaa jiraachuu ibsameera.

Tarkaanfiin qaamoleen nageenyaa garicharratti fuidhatan cimee kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.