Fana: At a Speed of Life!

Hojiin horsiise bultoota sababa waraanaan miidhamanii deebisanii dhaabuu karooraan qabatamee hojjetamuu qaba jedhame

Finfinnee, Amajjii 16, 2014 (FBC) – Hojiin horsiise bultoota sababa waraanaan miidhamanii deebisanii dhaabuu karooraan qabatamee hojjetamuu akka qabu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti koreen dhaabbii dhimmoota qonnaa yaadachiise.

Korechi naannoo Afaar aanaa Cifraatti beelladoota garaagaraa, qorichoota beelladaa, maashiniiwwan nyaata beelladaa qindeessan fi midhaan horsiise bultootaa saamaman daawwateera.

Horsiise bultoota gocha garee shororkeessaa ABUTiin miidhaman kanneen deebisanii dhaabuuf karoorri qabatamee hojjetamuu akka qabu Ittaanaan Walitti qabaa Korichaa obbo Hamuuduu Ga’aas ibsaniiru.

Odeeffannoo sirrii walitti qabuun horsiise bultoota miidhaman bira ariitiin qaqqabuu fi haala isaanii duraatti deebisuuf qindoominaan hojjechuu akka barbaachisu kaasaniiru.

Preezdaantiin naannoo Afaar obbo Awwal Arbaa gamasaaniin, naannichi lolaa, hawaannisaa fi waraanaan miidhamuu ibsuun rakkoo kana furuuf koree hundessuun warren  sababa waraanaan miidhaman deebisanii dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu eeruu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa arganne ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.