Fana: At a Speed of Life!

Balaa tiraafikaa muudateen lubbuun namoota 20 darbe

Finfinnee, Amajjii 16, 2014 (FBC) – Konkolaataan deddeebisa ummataa Ibinaatii gara Saqoxaa imalaa ture tabba keessatti kufuun lubbuun namoota 20 darbuu ibsame.
Konkolaataan deddeebisa Ummataa kun garagaree hallayyaa guddaa bu’uu isaan lubbuun namoota hedduu darbuu Poolisiin Tiraafikaa naannoo Amaaraa beeksiseera.
Konkolaataan kun guyyaa kaleessaa bakka addaa “Faaxaqaw” jedhamutti tilmaaman hallayyaa fageenya meetira 200 qabu keessaatti kufuu isaan balaa hammataa ta’e qaqqabsiisuu ibsameera.
Bakka balaan kun qaqqabeetti adeemsi Reeffa baasuu sababa hin xummuramneef, lakkoofsi namoota konkolaaticha geejjibaniifi balichaan miidhaman dabaluu akka danda’u himameera.
Hanga ammaatti lubbuun namoota 20 darbuu kan beekkame yoo ta’uu, namoota 6 miidhaan qaamaa qaqqabuu Poolisiin Tiraafikaa naannoo Amaaraa Faanaa Broodkaasting Korporeetiif himeera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.